Morookoo fi Tuuniziyaan Afrikaarraa dursanii, biyyoota hirmaannaa Waancaa Adduunyaa 2026 mirkaneeffafan ta’an.
OFM:Fulbaana.10/2025-Gulaallii Waancaa Addunyaa 2026 Biyyoota Afrikaan Ramaddii 9tti qoodamuun dorgomamaa jiruun Gareen Biyyaalessa Morookoo fi Tuuniziyaan dursanii Afrikaarraa biyyoota hirmaannaa Waancaa Adduunyaa 2026 mirkaneeffataniidha.
Ijipti,Senegaal, Afrikaa Kibbaa , Keep Vaardee, Morookoo , Ivory Coast, Aljeeriyaa , Tuuniziyaa fi Gaanaan Ramaddii isaanii dursaa jiru .
Biyyi Baay’inni Uummata isii Miiliyoonaa tokko hin guunne(593,000) qabdu Keep Vaardeen Waancaa Addunyaa 2026f darbuuf tapha tokko qofa injifachuutu isii irraa eeggama.
Waancaan Addunyaa 2026 Hawwattummaa isaa dabaluun USA,Kanaadaa fi Meeksikootti kan dorgomamuuf Gareewwan biyyaalessa ciccimoo Ardiiwwan hundurraa hirmaannicha mirkaneeffachuutti jiru .
Ameerikaa Kibbaa irraa hanga ammaatti biyyoonni 6 ; Arjeentinnaa , Iku’aador, Kolombiyaa , Uraagaay, Biraazil fi Paraaguwaay hirmaannaa Waancaa Addunyaa 2026 mirkaneeffataniiru .
Eeshiyaa irraa ; New Zealand , Jaappaan , Iraan, Uzbekistaan, Kooriyaa Kibbaa , Joordaanii fi Awustiraaliyaa.
Walii galaan biyyoonni 18 hirmaannaa Waancaa Addunyaa 2026 mirkaneeffataniiru .
1•USA
2•Kanaadaa
3•Meeksikoo
4•Jaappaan
5•New Zealand
6•Iraan
7•Arjentiinaa
8•Uzbekistaan
9•Kooriyaa Kibbaa
10•Joordaan
11•Awustiraaliyaa
12•Biraaziil
13•Iku’adoor
14•Uraagaay
15•Paraaguwaay
16•Kolombiyaa
17•Morookoo
18•Tuniziyaa
Maddi:-Africa Soccer Zone.