Doonaald Tiraamp ji’a dhufu daawwannaa hojii guyyoota sadiif Chaayinaatti ni taasisu.

OFM:Gurraandhala.21/2026.Pireezidaanti Doonaald Traamp waamicha mootummaa Chaayinaatiin Bitootessa 31 hanga Ebla 2 Beejiingitti daawwannaa ofiisaanii akka taasisan qondaaltonni Waayit Haawus beeysisaniiru.

Kun imala Tiraamp bara 2017 booda gara Chaayinaatti taasisan isa jalqabaa ta’a.

Tiraamp waa’ee imala karoorfame kanaa yeroo dubbatan, “kun imala bosona ta’uuf deema” jechuun, “seenaa Chaayinaa keessatti agarsiisaa fi simannaa akka kan biraa hin qabne qabaachuuf jirra” jedhan.

Hoggantoonni lamaan ji’oota muraasa darban keessa qunnamtii fi wal jijjiirraa ”baay’ee gaarii” akka qaban Waayit Haawus beeysiseera.

Daawwannaan kun kan labsame jala bultii Manni Murtii Ol’aanaa Ameerikaa taarifa Tiraamp biyyoota hedduu irratti kaa’an seeraan ala ta’uu isaa murtee dabarseeti.

Dhimmi daldalaa Beejiingitti mata duree marii guddaa ta’a jedhamee eegama.

Chaayinaan bittaa Atara (Soybeans) Ameerikaa dhaabuuf murteessuun isii Tiraampiif mataa dhukkubbii guddaa ta’eera.

Chaayinaan anniisaa haaromfamuu fi teeknooloojii konkolaataa elektirikiitiin addunyaa dursaa kan jirtu yoo ta’u, Tiraamp boba’aa fosiilii irratti xiyyeeffachuun isaanii qaawwa teeknooloojii biyyoota lamaan jidduu jiru bal’isaa jira.

Hariiroon “gaarii” ta’us, garaagarummaan bu’uuraa ammallee jira. Gurgurtaan meeshaa waraanaa Waashingitan Taayiwaanitti goote Beejiing aarsuun itti fufeera.

Daawwannaan kun erga Tiraamp vaayirasii koroonaa “vaayirasii Chaayinaa” jedhanii waamuun biyyoota lamaan jidduutti waldhabdee dippilomaasii guddaa kaase booda isa jalqabaati.

Chaayinaan weerara COVID-19 booda daangaa isii erga bantee as walitti dhufeenna addunyaa alaa waliin qabdu cimsataa jirti.

Ministirri Muummee Kaanaadaa Maark Kaarnii dhiheenna kana waliigaltee daldalaa mallatteessuuf Beejiing daawwataniiru.

Namoota siyaasaa malees dabalataan Chaayinaan namoota Ameerikaa live streamers beekamoo ta’an (kan akka Speed ​​fi Hassan Piker) affeeruun akkasumas waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa isii humna lallaafaa isii (Soft power)Ameerikaanoonni (kan akka TikTok) akka fayyadaman hayyamuudhaani dhiibbaa babal’isaa jirti.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *