Giifti dureen Turkii Melaaniyaa Tiraamp akkuma kan Yukireen waa’ee ijoollee Gaazaas akka dubbatan gaafatan.

OFM:Hagayya.25/2025-Giifti dureen Turkii Emiin Erdogaan giti isaanii kan US Melaaniyaa Tiraamp ijoollee Gaazaa haleellaa Israa’eliin dararamaa jiraniif sagalee akka ta’an gaafatan.

Haleellaa Raashiyaatiin ijoollee Yukireen dararamaa jiraniif gargaarsa isaan taasisaa jiran kan jajan Emii Erdogaan, Filisxeemotaafis tumsa walfakkaataa akka taasisan gitasaanii kana gaafataniiru.

Xalayaa waajjirri Pireezidaantii Turkii Sambata kaleessaa maxxanse keessatti Emiin Erdogaan Gaazaan ”iddoo awwaalcha daa’immanii taateetti,” jedhan.

”Sagalee tokkoon waa’ee haqa dabee dubbachuu qabna. Kanarratti humna waliif ta’uu qabna,” jechuun Melaaniyaa Tiraampiif dhaaman.

Emiin Erdogaan iyyannoo kana dhiheessuuf kan dirqaman erga UN daa’imman Gaazaa miiliyoona walakkaa ta’an beelaaf saaxilamuu fi kuma 132 kan ta’an ammoo hanqina nyaataan dararamaa jiraachuu ibseeti.

”Daa’imman Gaazaa kumaan lakkaa’aman irratti kan barreeffame ‘daa’imman eennummaan isaanii hin beekamin’ kan jedhu arguun sammuu keenna keessatti godaannisa yoomuu hin dagatamne kaa’ee darba,” jedhan Emii Erdogaan.

Xalayaan kun Melaaniyaa Tiraamp ”miira daa’imman Yukireen waraanaan dhumaniif agarsiisan daa’imman Gaazaa keessatti dararamaa jiraniif agarsiisuu,” kan jedhu of keessaa qaba.

Giifti dureen Ameerikaa kun Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ”dararaa Gaazaa keessatti uummatarra ga’aa jiru akka dhaaban,” kallattiidhaan akka dhiibbaa uuman gaafataniiru.

Jalqaba ji’a kanaarratti Melaaniyaa Tiraamp Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin waa’ee daa’immanii akka yaadan xalayaa barreessanii turan.

Ijoollee kam akka ta’an garuu adda baasanii hin eerre. Giifti dureen Turkii yeroo baay’ee dhimma siyaasaa keessatti hirmaatanii hin beekan.

Kanarra dhimma Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraa itti galateeffataman, waa’ee dhimma eegumsa naannoo irratti hirmaannaa ol’aanaa taasisuu filatu.

Hojiisaan eegumsa naannoorratti hojjetanii barreessaa ol’aanaan UN Antooniyoo Guteeres galateeffataniiru.

Haata’u malee bara 2016 lammiilee Sooriyaa waraana waliiniin dararaman bakka ba’uun akkasumas ammoo Bitootessa darbe keessa haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwattu balaaleffachuun gitoota isaaniitti xalayaa barreessaniiru.

Xalayaan kun gabaasa haala rakkoo namoomaa hamaa Gaazaa irratti bahe hordofeeti kan barreeffame.

Dhaabbanni sadarkaa beela addunyaa hordofu kan UN’n deeggaramu, Integrated Food Security Phase Classification (IPC) jedhamu rakkoon nyaataa Gaazaa addunyaa irratti isa hamaa fi balaafamaa ta’e jechuun ramade.

Dhaabbatichi kun walakkeessa Hagayyaa hanga dhuma baatii Fulbaanaa jidduutti namoonni kuma 640 ol ta’an “haalli suukaneessaa” isaan muudachuu akka danda’u akeekkachiiseera.

Dhaabbatichi guutuu Gaazaatti lammiilee Filisxeem walakkaa miliyoonaa ol “beela, hanqina nyaataa fi du’i” isaan mudachaa jira jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Ejensichi gabaasa Jimaata darbe baaseen hanqina nyaataa keessumaa daa’imman muudatu kan ibse yoo ta’u, daa’imman Gaazaa keessa jiran sadii keessaa tokko hanqina nyaataa hamaadhaan rakkataa jiru jedhe.

Akkasumas hanga Waxabajjii 2026tti hanqinni nyaataa lubbuu daa’imman umuriin isaanii waggaa shan gadi ta’e 132,000 balaadhaaf saaxiluu akka danda’u tilmaameera.

Gaazaatti Ministeerri Fayyaa Hamaasiin geggeeffamu namoota 281 hanqina nyaataatiin du’an keessaa 114 daa’imman ta’uu beeysiseera.

Israa’el Gaazaa keessa beelli jiraachuu kan haaltu yoo ta’u, UN ragaa Hamas irraa argame fayyadamuun odeeffannoo sirrii hin taane dabarsa jechuun himatti.

Dhaabbanni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii himannaa kana haaleera.

Gabaasni kun kan ba’e Israa’el haleellaa waraanaa haaraa Magaalaa Gaazaa qabachuuf kaayyeffate banuuf yeroo qophooftetti.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *