Eeshiyaatti namoonni 586,000 akka baqatan ajajame!

OFM:Hagayya.25/2025-Veetnaam obomboleettii tropical Typhoon Kajiki jedhamuun rukutamuuf qarqara irra akka jirtu ogeeyyiin haala qilleensaa biyyattii akeekkachiisan.

Mootummaan namoota 586,000 akka baqatan ajajuu isaa BBCn gabaaseera.

Obomboleettiin Kaajikii kan ka’e Kaaba Paasifik Galaana sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 166 kan socho’u yoo ta’u, gara qarqara galaanaa Veetnaam deemaa akka jiru saayintistoonni himaniiru.

Ho’inni addunyaa qilleensa qorraa akka baqu fi sadarkaan galaanaa akka ol ka’u taasisaa jira.

Kun biyyoota galaana waliin daangessan irratti balaa guddaadha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *