Aanaa Abee Dongorootti haleellaan Humnoota finxaaleyyii Faannootiin jabaatee itti fufe.
OFM:Hagayya.25/2025-Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti haleellaan humnoota finxaaleyyii Faannoo jabaatee itti fufuun ibsame.
Jiraattonni ganda Tulluu Mootii jedhamutti kaleessa Hagayya 18 bara 2017 humnoonni finxaaleyyii Faannoo haleellaa bananiin lubbuun namoota nagaa darbuu himaniiru.
Haleellaa hidhattoota kanneeniitiin lubbuu namoota 3tu darbee jedhan.
Kanneen lubbuun darbe obbo Tolasaa Dabaloo, obbo Faqqadaa Maangashaa kan jedhamanii fi nama biraa ammaaf maqaan isaa adda hin baane ta’uu jiraattonni ibsaniiru.
Hidhattoonni finxaaleyyiin kunneen lubbuu namoota nagaa erga balleessanii booda qabeenya uummataas saamuu jiraattonni himan.
Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti humnoonni finxaaleyyii Faannoo irra deddeebii haleellaa erga raawwachuu jalqabee bubbulee jira.
Jiraattonni Nageenna keenna hin tiiysine jechuun Mootummaa komatu.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia