Hoggantoonni matta’aa gaafatan to’annoo jala oolafaman.
OFM:Hagayya.25/2025-Hooggantoonni Dhaabbata Tajaajila Qalmaa Finfinnee, tajaajila kennuuf matta’aa gaafatan lama to’annoo jala oolfaman.
Daarekteera olaanaa dhaabbatichaa Obbo Sayid Indiris Kamaaliifi Itti aanaa isaanii Yooseef Dirribsaa Maammoo kan jedhaman maallaqa yoo fiduu baattan tajaajila hin argatan jechuun maamiltoota deddeebisaa turan.
Eeruu kennameenis tajaajilamaa irraa matta’aa osoo fudhatanii to’annoo jala ooluu odeeffannoon Waajjira Kantiibaarraa arganne ni mul’isa.
Tajaajilamtoota hordofuun eeruu kennan galateeffataa, yeroo itti aanu malaammatummaa ittisuuf qabsoo taasisuu keessan akka itti fuftan jechuun waamicha dhiyeesseera.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia