Noorweeyitti Shamarreen maatii Oromoo irraa taate fi tajaajila kunuunsa daa’immaniirra hojjetaa turte ajjeefamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
OFM:Hagayya.26/2025-Biyya Noorweeyitti Shamarreen maatii Oromoo irraa taatee fi tajaajila kunuunsa daa’immaniirra hojjetaa turte Dilbata darbe ajjeefamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Shamarreen waggaa 34, Tamiimaa Nibras Juhaar, magaalaa Osloo bakka Kaampan jedhamutti halkan dalagaarra osoo jirtuu ajjeefamte.
Miidiyaaleen Noorwey akka gabaasanitti, Tamiimaan osoo hojiirra jirtuu dargaggeessa waggaa 18tiin ajjeefamte.
Dargaggeessi yakka kanaan shakkame to’atamee himanni irratti banamuu poolisiin himuu Miidiyaaleen biyyaattii gabaasaniiru.
Gochaa kana dargaggeessi raawwate jedhame kaka’umsa ilaalcha siyaasaan akka raawwate ibsame.
Dargaggeessi shakkamaan kun, ilaalcha siyaasaa finxaalawaa, gartuu ilaalcha siyaasaa warra harka mirgaa, akka hordofu haasawa isaa yeroo qorannoorraa beekamuu ibsame.Shakkamaan kun gocha shororkeessummaan himatamuu gabaasame.
Maatiin isii “Tamiimaan nama naatoo namaa qabduu fi nama jabduu turte” jedhan. Nama eennummaa, aadaa, amantaa garaagaraa qabu hunda waliin hariiroo gaarii qabaataa akka turte himu.
Wiixata ganama, bakka itti ajjeefamte Kaampan iddoo jedhamutti maatii fi hiriyoonni isii dungoo ibsuun, daraaraa kaawuun gadda isaanii ibsatan.
Tamiimaan bara 1991 (A.L.Atti) Itiyoophiyaatti dhalatte.Warra isiitiif obboloota baay’ee keessaa quxxisuu lammaffaati.
Maatii fi firoota isiif jaalala guddaa akka qabdu kan himan miseensotni maatii isii, Noorweey irraa guyyaa guyyaan haadha isiif bilbiltee osoo hin dubbisin ooltee hin bultu jedhan.
Hojii kunuunsa daa’immanii hojjetaa Yunivarsiitii OsloMet jedhamutti barnoota “Development Work” barachuu isii seenaan isii ni agarsiisa.
Ministeerri haqaa Noorweey dhimmi ajjeechaa Tamiimaa dubbii xiyyeffannaa addaan hordofuu fi dursi kennamuuf akka ta’e himeera.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia