Dhaabbilee Barnootaa Dhuunfaa 290 keessaa sadii qofti ulaagaa guutan!
OFM:Hagayya.26/2025-Dhaabbilee Barnootaa Ol’aanoo Dhuunfaa irra deebii galmaa’an keessaa sadii qofatu ulaagaa guute jedhe Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii.
Abbaa Taayitichatti Hoji Raawwachiisaan kenniinsa Eeyyama Dhaabbilee Addishiwoot Asaffaan akka jedhanitti, ulaagaa gamaaggama Dhaabbilee Barnootaa olaanoo Dhuunfaa irra deebiin galmeessuuf qophaa’erratti Dhaabbilee Barnootaa dhuunfaa 375 galmeessuuf karoorfame 290 galmaa’aniiru.
Dhaabbilee 290 galmaa’aniif gamaaggama marsaa jalqabaa taasifameen dhaabbanni ulaagaa guute jiraachu dhabuu isaan ulaagichi fooyya’uun marsaa 2ffaaf gamaaggamni gaggeeffamuu ibsaniiru.
Mootummaan dhabbileen kunneen of gahoomsuun sirna barnootaa keessatti akka itti fufaniif marsaa 3ffaan ulaagicha fooyyeessuun ulaagaa gadi aanaa akka guutan taasifamuun carraan kennamuufi hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan Dhaabbileen sadii Kaampaasii sadii fi damee barnootaa 17 ‘n ulaagicha guutuun eeyyamni isaanii ragga’uu himaniiru.
Baatii 12 keessatti guutuu kan qaban dhaabbileen 25 , Kaampaasii 37 fi damee barnoota hanqate 146 akka guutan taasifamuus kaasan.
Gama biraan baatii 6 keessatti ulaagaa akka guutan dhaabbileen murtoon kan darbeef jiraachuu eeraniiru.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia