Balaa sigiga lafaa Godina Kambaatatti muudateen namootni lama du’anii, qabeennis mancaye.
OFM:Hagayya.27/2025-Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaa Godina Kambaataa aanaa Angaccaa ganda Zobeechotti balaa sigiga lafaa kiibxata halkan muudateen lubbuun namoota lamaa darbuu Waajjirri Koomunikeeshinii Godina Kambaataa ibseera.
Obbo Araggaa Isheetuu, bulchaan Godinichaa sigigni lafaa halkan naannoo saatii kudha tokkoo muudachuu ibsan.
Balaan kun goodaa Gaara Ambarichoo kan rukutee fi balaa kana geessisuu, achiis qabeenna ummataarraanis miidhaan dhaqqabuu ifoomsan.
Kutaalee hawaasaa miidhan irra ga’e deebisanii dhaabuf deeggarsa barbaachisu kan godhan ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti naannolee balaawwan kana fakkaataniif saaxilamoo ta’an irra balaan akka hin geenne hojiileen of eeggannoo hojjatamaa jiraachuu bulchaan godinichaa ibsaniiru.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia