SIRNA RUBBOO: Gulantaa walbaruu hiriyoota fi shaakala aangoo Gadaa Oromoo Karrayyuu
OFM:Fulbaana.10/2025-Karrayyuu gosa Dullachaa fi Baasoo kanneen sadarkaa Rubboo gahan baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raamaaf bobba’u.
Miseensaa fi Shaayii Rubboo kan ta’an Obbo Jiloo Fantaallee Carcar adeemsa Sirna Rubboo ilalchisee AMN PLUS’f turtii taasisaniin ibsaniiru.
Ijoolleenii fi dargaggoonni sadarkaa Rubboo irra jiran waggaa 16 har’an baallii/alangee fudhatanii warra Lubaa ykn Gadaa (Michillee) ta’uuf deemaniidha.
Sana dura dursanii walbaruudhaaf, wal-arganii waliin taphatu, weellisu, ni muudamu, jaarrillee ni eebbisu.
Ollaa tokkoo ollaa biraatti godaanaa, qe’ee abboootii jaraatti eebba fudhatu, qalma qalamuuf nyaatu, maxxaarrii tolfatu, muuda muudamu.
Akkananaan hunduu hiriyootasaa gadaa isaa keessaa, maatilee hiriyoota isaa fi hoggantoota Gadaa isaatiin wal bara. Firoomas cimsata.
Ruubboon mataan isii muuda, wayyaan isii connii (dhadhaan kan laambubamtee) fi gurmuu irratti Maxxaarrii baattattee yaati.
Maxxaarriin wantee (gaachana) fi waaraana rubbootii jedhama. Rubboon bishaan waaqaa bu’u ykn rooba malee bishaan malkaa hin dhugdu. Aadaatu dhoorga jedhu Obbo Jiloo Fantaallee Carcar.
Akka tuuta gadaa Karrayyuutti, Ruubboon yeroo ammaa bobba’ee Sambata dhufu yeroo isaa xummuree Gadaa ilma Nuqusaa (Melbaaf) kennu kan tuuta gadaa Birmajiiti (ilmaan Sabbaaqaati akkasumas ilmaan Raabaati).
Birmajii fi Meelbaan walanna waan ta’aniif warri melbaa maqaa baanaa (Arrabsoo) Burree jedhamuun Rubboo kana waamu.
Warri Rubboo bobba’an akkuma umurii Gadaa isaaniitti Jaarsa, dargaggeessaa fi Ijoollee of-keessaa qabu. Warri gara ijoollee warra walannaa isaanii ta’an weedduun akka barbaadanitti fololoksanii arrabsuuf mirga gadaan kennameef qabu.
Arrabsoo jaraas akka eebbaatti fudhatu malee deebii hin kennaniif. Kanaafis Warri Rubboo afaan isaanii danbooba jedhamanii faarfamu.
Tuutni shanan Gadaa Karrayyuu Roobalee, Birmajii, Meelbaa, Dilboo fi Halchiisa. Kan yeroo ammaa baallii gadaa Karrayyuu of-harkaa qabu ammoo tuuta Gadaa Dilboo jedhama jechuun adeemsa Sirna Rubboo ilalchisee Miseensaa fi Shaayii Rubboo kan ta’an Obbo Jiloo Fantaallee Carcar turtii AMN PLUS waliin taasisan irratti dubbataniiru.