Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Lammaa Magarsaa (Ph.D) Hidhi Haaromsaa Guddichi xummuramuu isaatti gammaduu ibsan.
OFM:Fulbaana.09/2025-Lammaa Magarsaa (Ph.D) ibsa barreessaniin, “Hirmaannaa fi carraaqqii Lammiilee Itiyoophiyaa maraan Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xummuramuu isaatiin baga gammaddan, baga gammadne” jedhan.
“Kun hidha seena qabeessa Itiyoophiyaanonni hundi, xiqqaa hanga guddaa: hiyyeessa irraa kaasee hanga dureeyyiitti, hidha kana ijaaruuf haga danda’e martuu gumaachuun ashaaraa isaa itti kaa’eedha” kan jedhan Lammaa Magarsaa (PH.D) “Mallattoo Tokkummaa keennaati.
Faayidaa kallattiin hidha kana irraa argannu bira darbee, wanti seena qabeessa ta’e, lammiileen Itiyoophiyaa marti tokko ta’anii, waliin ta’uun waan hin danda’amu jedhamee yaadamu hojjechuuf kan danda’an ta’uu isaaniiti” jedhaniiru.
Kunis Itiyoophiyaanoonni yeroo waliin hojjetan seenaa hojjechuu akka danda’an kan agarsiisu akka ta’e himaniiru.
Kanaaf Itiyoophiyaanonni marti yeroo hunda tokkummaan isaanii bu’uura injifannoo isaanii akka ta’e hubachuun, Itiyoophiyaa fooyyoftuu egereef tokkummaa isaanii eeggachuu fi cimsuu qabu jedhan.
Hoggantootaa fi ogeeyyii milkaa’ina hidhichaaf gumaacha taasisanis galateeffataniiru.
“Eebba Hidha Haaromsaa kana biraan, lubbuu lammiilee keenna guyyaa-guyyaan badaa jiru, dhiiga dhangala’aa jiruu fi haadha boohaa jirtu, walumaagalatti nagaa fi tasgabbii biyyattiif dhaabbannee yaadnee furmaata barbaaduuf waliin hojjechuu qabna” jechuun ture dhaamsa isaanii kan goolaban.
Lammaa Magarsaa Waaqoo
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia