Masriin hooggansa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa mormuun UN’tti xalayaa barreessite.

OFM:Fulbaana.09/2025-Masriin Itiyoophiyaan hidha ijaartee eebbisiisuun hojii eegalchiisuusii mormuun Mana Maree Nageennaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti xalayaa barreessite.

Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdallaatii Pireezidaantii Mana Maree Nageennaa UN (UNSC)’f barreessan jedhame Itiyoophiyaan adeemsa ”gam-tokkee” hordofte jedha.

Itiyoophiyaan hidha laga Abbayyaarratti waggoota 14’n darbaniif ijaaraa turte dureewwan biyyoota Baha Afrikaa argamanitti Kiibxataa har’aa eebbisisteetti.

Osoo Itiyoophiyaan eebbarra jirtuuti Masriin xalayaa barreessuu miidiyaan biyyattii Al Ahiraam kan gabaase.

Eebbi hidha kanaa Itiyoophiyaa keessa gammachuu guddaa uumuus, jalqabaa eegalee kan mormaa turte Masriin garuu balaaleeffatteetti.

Al Ahiraam akka gabaasetti xalayaan barraa’e ”Itiyoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) ofiisii hoogganuun” akka walqabatu ibseera.

”Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa seera qabeessa fakkeessuuf yaaliin hin milkoofne taasifamuus, seera idil-addunyaafi qajeeltoo mormuun tarkaanfii gam-tokkee,” fudhatameedha jedheera xalayaan barraa’e.

Dabaluunis, Itiyoophiyaan hidha kana eebbisiisanii hojii eegalchiisuun seerawwan idil-addunyaa kana dura cabsite jedhen alatti seera dabalataa cabsite jedheera.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii tarkaanfii ”gam-tokkee gama Itiyoophiyaan fudhatamu mara ni balaaleeffata,” jedhameera.

Dhimma kanarratti gama Itiyoophiyaa wanti jedhame jiraachuu baatus aangawoonni Itiyoophiyaa hidhi kuni Masrii akka hin miine irra deddeebiin dubbataa turan.

Itiyoophiyaan waggaa kudhan oliif waltajjiiwwan idil-addunyaarratti Masrii irratti olaantummaa dippilomaasii goonfachuun Hidha Guddicha laga Abbayyaa irratti ijaarte eebbisisteetti.

Kuni Itiyoophiyaaf akka milkiitti ilaalamus Masriin boodarra Suudaan immoo hanga bishaan nutti yaa’u ni hanqisa jedhanii yaaddoo himatu.

Itiyoophiyaan lammiilee miiliyoona dukkana keessa jiraniif anniisaa elektirikii dhiheessuuf isii gargaara.

Dhiheessii bishaaniif Abbayyaa kan abdattu Masriif garuu hangi bishaan natti yaa’u xiqqaatuu mala jettee yaaddofti.

Xalayaan kuni Itiyoophiyaan ”gam-tokkeen pirojektii kana eegalteefi eegasiisuu, Kaayiroon dhibdee jiru furuuf dippilomasiifi dhaabbilee idil-addunyaatti – UN dabalatee,” iyyachuu xiyyeeffatte jedhe.

Masriin dippilomasiitti cichuun ‘faayidaa biyyaalessaa isii kabachiisuuf humna dhabde osoo hin taane’ biyyoota yaa’a gadiif wal tumsuutu barbaachisa ilaalcha jedhuuni jedheera.

Tumsi kuni seera idil-addunyaafi yaaddoo biyyoota yaa’a gadii kan yaada keessa galche ta’uu qaba jedha akka Al Ahiraam gabaasetti.

”Faallaan garuu Finfinneen, mataa jabaachuufi marii harkisuun” himateera.

Xalayaan Masrii barreessite Itiyoophiyaan biyya keessa deeggarsa cimsuuf ajandaa siyaasaa of dura aansuun himate.

Masriin ”ilaalcha dogongoraa” waan deemuu callistee ilaalti jedhu hin qabu jechuun ibse.

”Masriin seera idil-addunyaafi Chaartara UN jala jiruun fedhii ummatasii jiraachuufi jiraachuu dhabuu kabachiisuuf mirga qabdi,” jedheera.

Masriin dhimma Hidha Haaromsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti yoo dhiheessitu kuni yeroo jalqabaaf miti.

Itiyoophiyaan waliigaltee bara kolonii mallattaa’etti hin bitamu jechuun irra deddeebbiin ejjennoosii ibsuun ni yaadatama.

Biyyootni sadii – Itiyoophiyaa, Masriifi Suudaan – waliigaluuf mariin irra deddeebiin taasisan ija godhachuu hin dandeenne.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *