Niwukaastil Yuunayitid Maanchistar Yuunayitidiin ol’aantummaa taphaa waliin injifate.

OFM:Muddee.13/2025-Pirimeerliigii Ingilaandi Torbee 32ffaa dirree isaa Sent Jaamsi Paark irratti Maanchistar Yuunaayitid kan keessummeesse Niwukaastil Yuunayitid galchii 4 fi 1 injifate.

Niwukaastil Yuunaayitid injifachuu qofaa miti, dirree keessattillee kubbaa qabatee taphachuunis caalmaa fudhachuun ol’aantummaa agarsiisee kan moo’ate ta’uu isaati.

Shaampiyoonaan waancaa Kaaraabaawoo Niwukaastil Yuunaayitid injifachuu hordofee qabxii isaa gara 56 tti guddisuun sadarkaa 4ffaa Maanchistar Siitii irraa fudhateera.

Galchii injifannoo Niwkaastiliif kan lakkoofsise Burn Toonaalii fi Buruunoo Gomaareesh.

Alenjaandiroo Gaarnaachon ammoo galchii tokko; maanchistar Yuunaayitidiin injifannoo jalaa hin baraarre lakkoofsisee ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *