Ameerikaan Huutiin loluu akka hin barbaannee fi haleellaa Yaman irratti raawwataa turte akka dhaabdu himte.
OFM:Caamsaa.07/2025-Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gareen Huutii ‘Harka kennateera’ waan ta’eef, Ameerikaan Huutii irratti duuluu ni dhiifti jedhan.
sababiin isaas garee Iraan deeggaramu kana waliin ”dhukaasa dhaabuu” irra ga’amuu fi kana booda, dooniiwwan Galaana Diimaa irratti xiyyeeffachuu akka dhaaban mirkaneessuu himan.
Itti aansuunis Tiraamp murtee Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa Yaman irratti raawwattu hatattamaan dhaabuuf murteessuu isii labsuun, “murtee Huutiin lola dhaabuuf dabarsan nan fudhadha, haleellaa keennas hatattamaan dhaabuuf murteessineerra” jechuun MM Kaanaadaa Maark Kaarnii waliin Waayit Haawus keessatti dubbataniiru.
Ministirri haajaa alaa Omaan yeroo muraasa booda waliigaltichi ”bilisummaa sochii dooniiwwaan Galaana Diimaa mirkaneessuu fi daldalli idil-addunyaa haala gaariin akka darbu ni taasisa” jedhan.
Huutiin dhimmicha irratti hanga ammaatti yaada hin kennine.
Donaald Taamp, bulchiinsi Ameerikaa daawwannaa isaanii gara Baha Jiddugaleessaatti taasisuun dura tarkaanfii guddaa labsuuf akka yaadullee ibsaniiru. Garuu tarkaanfiin kun maal akka ta’e bal’inaan hin ibsamne.
Tiraamp Caamsaa 2025 torbee lammaffaa keessa Baha Jiddu Galeessaa ni daawwatu jedhamee eegama.
Ameerikaan baatii Bitootessa keessa haleellaa qilleensaa Huutii irratti raawwattu cimsitee kan turte yoo ta’u, ergasii waraanni Ameerikaa Yaman keessatti bakka 1,000 rukutuu hime.
Tiraamp Waajjira Ovaal keessatti haasawa taasisaniin, Huutiin ”kana booda doonii hin dbarbadeessan” jedhan.
“Hutiin kana booda akka hin lolle, ykn yoo xiqqaate kana booda qabsaa’uu akka hin barbaanne nu beeysisaniiru… Kanaaf hunda caalaa yaada isaanii kana ni fudhanna.”
“Kana booda doonii akka hin haleellee waan mirkaneessan waan ta’eef kanaaf hojjetaa jirra..Ministirri Dhimma Alaa Omaan Badr Al Busayidi akka jedhanitti biyyi isaanii tasgabbii deebisuuf tattaaffii taasifamaa jiru jidduu seenuun gahee guddaa taphattee jirti.
“Tarkaanfiin kun gara fuulduraatti dooniiwwan Ameerikaa dabalatee kanneen biroo Galaana Diimaa fi Bab al-Mandab keessa bilisummaan akka socho’anii fi geejjibni daldalaa idil-addunyaa haala gaariin akka ta’u taasisa” jedhan.
Gareen biyyoota Ameerikaan durfamu haleellaa Huutiin doonii irratti raawwataa ture hedduu fashaleessuun pireezdaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayiden haleellaa qilleensaa Ameerikaan Huutii irratti jalqaban bara Tiraamp jabaatee itti fufee jira.
Ji’a darbe keessa Huutiin haleellaa qilleensaa Ameerikaan jiddugala tursiisaa kaaba dhiha Yaman irratti raawwateen yoo xiqqaate godaantotni Afrikaa 68 ajjeefamaniiru
Huutiin tibbanallee misaa’ela gara Israa’elitti dhukaasuu kan itti fufe yoo ta’u, Dilbata darbe gareen Huutiii nannawa buufata xiyyaaraa Israaa’el rukutee ture.
Israa’el kanaaf deebii kennuudhaan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa guddicha Yaman magaalaa guddoo Sanaa irratti haleellaa bal’aa raawwatteetti , kunis “guutumaan guututti barbadaa’uu” miidiyaaleen gabaasaniiru.
The website design looks great—clean, user-friendly, and visually appealing! It definitely has the potential to attract more visitors. Maybe adding even more engaging content (like interactive posts, videos, or expert insights) could take it to the next level. Keep up the good work!
The website design looks great—clean, user-friendly, and visually appealing! It definitely has the potential to attract more visitors. Maybe adding even more engaging content (like interactive posts, videos, or expert insights) could take it to the next level. Keep up the good work!