Ministeerri Fayyaa haala waqtaawaa tajaajila fayyaa irratti ibsa kenne.
OFM:Caamsaa.15/2025-Ministeerichi tajaajila fayyaa qulqullina qabuufi haqa qabeessa waliin gahuuf imaammataafi tarsiimoo fayyaa bocuun hojjetaa jiraachuu ibseera. Sababaan isaa maalis ta’u tajaajiloota hawaasummaa haala kamiinuu adda cituu hin qabne keessaa tokko tajaajila fayyaa ta’uu kan ibse ministeerichi, har’a dabalatee guyyootan darban dhaabbilee fayyaa guutuu biyyattiitti argaman hunda keessatti akkuma Kanaan duraa tajaajilli fayyaa osoo adda hin citiin hawaasaaf kennamaa jiraachuu eereera. Ogeessi fayyaa kana hubate dhiibbaa odeeffannoo dogongoraa miidiyaa hawaasummaan raabsamaa jiruun osoo hin danqamiin waadaa ogummaa seene eeguun hawaasa tajaajilaa waan jiruuf galatatu malaaf jedhe ministeerri Fayyaa. Haa ta’u malee kolleejjiiwwan barnootaa fayyaa muraasa keessatti ogeeyyiin hojii idilee isaaniirratti kan hin argamne jiraachuu odeeffannoon akka isa gahe ibseera. Ogeeyyii kanneen keessa hedduun isaanii odeeffannoo sobaan kan burjaaja’an, muraasni ammoo badiinsa kaayyoo isaanii kan godhatan ta’uu eereera. Gochichi maatii, fira, lammiifi hawaasa bal’aa miidhuurra darbee naamuusa hojiinis ta’e gama namoomaan fudhatama hin qabu jedheera. Ogummaan fayyaa damee hojii qoqqobbiin hojii dhaabuu seeraan dhoorgame keessaa tokko ta’uus kaasuun, ogeeyyiin fayyaa gaaffii yoo qabaatanillee hojii isaaniirratti argamuun hojii idilee isaanii hojjetaa dhimma isaanii qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuun akka irraa eegamu ibseera. Waan ta’eef ogeeyyiin fayyaa kunneen gara hojii isaaniitti deebi’uun hawaasa isaanii akka tajaajilaniif gama dhaabbilee isaaniin waamichi taasifamuufii ministeerichi eereera. Mootummaan fayyadamummaa waaraa ogeeyyii fayyaa haala mirkaneesseen furmaata qorannoo irratti hundaa’e kennuuf Labsii Bulchiinsaafi To’annoo Tajaajila Fayyaa 1362/2017 raggaasisuun danbiifi qajeelfamoota baasuun xiyyeeffannoon hojjetaa akka jiru ibseera. Ogeeyyiin fayyaa yaada gaarii qaban kana hubachuun hojii isaanii haalaan akka hojjetan ministeerichi waamicha dhiyeesseera. Gama biraan hawaasni odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaan tamsa’aniin osoo hin jeeqamiin tajaajila fayyaa barbaadu dhaabbilee fayyaarraa argachuu akka danda’u kan beeysise. Ministeerri Fayyaa; Mootummaan rakkinicha garaa bal’inaan furuuf obsa agarsiise moggaatti dhiisuun warreen hojii isaaniirratti hin argamne, dhaabbilee fayyaa keessaas ta’ee ala taa’uun jeequmsa uuman irratti tarkaanfiin seeraa barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu hubachiise.