Dhimmi Gaazaa furmaata hin arganne, hammaachuun isaa ibsame.

OFM:Caamsaa.17/2025-Israa’el haleellaa waraanaa haaraa fi bal’aa naannoo Gaazaa keessatti “Operation Gideon’s Chariots” jedhamuun moggaafame jalqabuu ibsuun, duula waraanaa naannoo sanatti babal’isuu isii beeysifteetti. Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) ibsa Jimaata galgala kenneen, naannoowwan tarsiimoo Gaazaa qabachuuf “duulaa fi humna guddaa sochoosuu” kan “Operation Gideon Chariots” jedhamuun moggaafame, karoora haaraa Israa’el Gaazaa “weeraruuf” jedhe keessatti beeysise. Haleellaan kun kan raawwatame yeroo Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp daawwannaa isaanii Baha Jiddu Galeessaa irratti dhukaasa dhaabuu malee xummuranii fi Muummichi Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun jalqaba baatii kanaa kaabineen nageenna isaanii karoora naannoo sana “to’achuu” raggaasisuun, ummanni Gaazaa gara kibbaatti akka baafamu beeysisanii turan. Addunyaa nama hin qabne, akka waan Jaarsolii uumtee hin beeyne fakkaatu kan araarsa buusu dhabamee har’as dachittiin dhiphinaan qabamtee jirti. Samii irraa boombii darbamaa jiru Gaazaa Iyya haadholii fi daa’imman garaa nama nyaatuu fi qalbii namaa cabsutti guyyoonni. lafa gidiraatti jijjiiree jira. Ministeerri Fayyaa Falasxiin Gaazaa akka beeysisetti, guyyoota darban keessa jeequmsi Israa’el hammaataa dhufuun, sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 150 ol ajjeefamanii 459 madaa’uu isaanii beeysiseera. Barreessaan ol’aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees ibsa Sambata kennaniin, “haalli Falasxiinota Gaazaa ibsamuu hin dandeenne, gara jabummaa fi namummaa kan hin qabneedha,” jedhan. “Imaammanni goolamaa fi beela seera addunyaatti qoosaa taasisa. Uggurri qarqaarsa namoomaa hatattamaan xummuramuu qaba. Yeroon kun yeroo naamusaa ifa ta’uu fi tarkaanfii fudhachuudha,” jedhan Guterres. Humnoonni Yaman dhukaasa dooniiwwan Ameerikaa Galaana Diimaa keessa jiran irratti dhukaasu dhaabuuf Huutii waliin waliigaltee irra gahan Tiraamp yeroo Galoo Galaana keessa turanitti namoonni Gaazaa keessa beela’aa akka turan beekamtii kennuu dhabuun isaanii haala Gaazaa irratti xiyyeeffannaa kennuu dhabuun isaanii haala kana hammeessa jedhama. Gama biraatiin Sambata har’aa Magaalaa guddoo Biyya Iraaq keessatti hoggantootni Arabaa lola Gaazaatti gaggeeffamu irratti ni mari’atu jedhamee eeggamu Walgahii Hoggantootaa irratti Amiira Qaaxar Sheek Tamiim Bin Hamad Al Thani, Pireezidaantii Masrii Abdel Fattah Al Sisi fi Bulchaan Filisxeem kan ta’e Pireezidaant Mahmuud Abbaas argamaniiru. Barreessaan ol’aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Guuteres fi Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez namoota walgahii Bagdaad irratti hirmaatan keessaa tokko tahuu Miidiyaaleen Idil-addunyaa gurguddoon gabaasuu irratti argamu. Haalli hamaan Gaazaa lammiilee Falasxiinotaaf hammaataa dhufuun, dhaabbileen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan gaafataa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *