Hariiroon Tiraampii fi Maask hammaatee wal arrabsuufi wal-doorsisuutti ce’e!
OFM:Waxabajjii.06/2025-Wal-dhabdeen Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi biliyeenara teeknooloojii Elon Maask jidduutti uumame dhiita’aa turee dhohuun sadarkaa wal arrabsuufi wa doorisuurra gaheera.
Wal-dhabdeen hogganaa addunyaarratti humna guddaa qabuu fi dureessa addunyaa tokkoofffaa hidduutti uumame ijoo dubbii addunyaa ta’aa jira.
Torban tokkoo oliif, Maask labsiiwwan Tiraamp mallatteessaa ture, keessumaa baasii ilaalchisuun dabarse mormuun qeeqaa tureera.
Kamisa darbe hogganaa Jarmanii waliin Waajjira Ovaal keessatti yeroo wal argan Tiraamp waa’ee mufannaa Maask irratti qaban ifatti dubbataniiru.
Deebii kanaaf Maask fuula X isaarratti itti duuleera. Ragaa dhiyeessuu baatus Tiraamp faayiloota hin gadhiifamne kan yakkamaa saalqunnamtii du’aan boqote Jeffrey Epstein waliin walqabatan keessatti akka mul’atu agarsiisa jechuun barreesse Maask.
Tiraamp akkuma kana irra deddeebiin deebii deebiseen, Maaskiin ”maraatee” bulchiinsa kana akka gadhiisu gaafatame jedhe. Akkasumas, kontiraata mootummaan dhaabbilee Maask waliin qabu akka kutu doorsiseera.
Lola kana jidduutti gatiin aksiyoonaa Tesla (dhaabbata Maask konkolaataa elektirikaa omishu) %14 guddaa gadi bu’eera.
Waldhabdeen kun kan uumame erga Maaskiin torban darbe aangoo mootummaa isaa ifatti gadhiisee booda ture.
Elon Maask seera gibira Tiraampiin ‘qaaneessaa fi jibbisiisaa’ jechuun ibseera.