Raashiyaan Miidiyaaleen Awurooppaa 15 biyyasiitti akka hin hojjenne dhoorgite.
OFM:Adoolessa.02/2025-Tarkaanfiin kun qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa miseensota 27 qabu miidiyaalee Raashiyaa saddeetirra kaa’eef deebiidha jedhameera.
Moskoon Qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa miidiyaalee Raashiyaa hedduurra kaa’e hordofuun, miidiyaalee Awurooppaa 15 Raashiyaa keessatti socho’anirratti daangaa kaa’uuf murteessuu isii Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibseera.
Bara kana Gurraaandhala Manni Maree Gamtaa Awurooppaa paakeejii qoqqobbii 16ffaa irratti yaada ragga’een, Raashiyaan qoqqobbii marsaalee maxxansaafi odeeffannoo Raashiyaa saddeetirra kaa’ameef deebii kennuudhaan miidiyaalee mootummaa Gamtaa Awurooppaa 15 biyyasii keessatti odeeffannoo sobaa tamsaasuurratti hirmaatanirratti dhoorgaa kaa’uutu himama.
Ministeerichi itti dabaluun, daangeffamni miidiyaalee fi marsariitiiwwan odeeffannoo Raashiyaarra kaa’ame yoo ka’e, gama Raashiyaatiinis miidiyaalee Awurooppaa ilaalchisee murteesaa ni sirreessa jedhaniiru , jechuun Zhiinuwaan gabaaseera.