Doonaald Tiraamp ragaa waa’ee icciitii ajjeechaa Maartin Luuter Kiing qabate yeroo jalqabaatiif uummanni akka baru baasan.
OFM:Adoolessa.22/2025-Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ragaa waa’ee iccitii ajjeechaa Maartiin Luuter Kiing qabatee fi baay’ee murteessoo ta’an ifa godhaniiru.
Ragaalee basaasa FBIn argaman dabalatee Donaald Tiraamp ragaalee dhimma ajjeechaa falmaa mirga namoomaa Maartin Luuter Kiing qabatan hundaa ifa godhaniiru jechuun BBC’tu gabaase.
Manni murtii bara 1977 waan dhoorgeef ragaaleen ajjeechaa Maartin Luuter Kiing irratti walitti qabaman fuula kuma 200 fi kuma 30 ta’an uummata jalaa dhokfamanii turan.
Maatii Maartin Luuter Kiingi keessaa ammoo namni beekkamaan tokko ragaaleen kunneen ifoomuu mormeera.
Ijoolleen Maartiin Luuter Kiing lama ibsa baasaniin, ”leegaasii abbaa isaanii xiqqeessuuf jecha ragaalee kanneen akka malee fayyadamuu” ni balaaleffanna jedhan.