Masriin waliigaltee Gaazaa fi Hidha Haaromsaa Guddichaa irratti Ameerikaan yaada jijjiirraa dhihaateef kufaa goote.
OFM:Adoolessa.22/2025-Maddi dippilomaasii ol’aanaa Masrii tokko Al Arabi Al Jadeeditti akka himetti bulchiinsi Traamp waliigaltee waldhabdee Hidha Haaromsaa irratti uumame furuuf waliigaltee uumuuf “jiddu-galeessa murteessaa” dhiyeessee ture.
Deebiin isaas Masriin karoora Israa’el lammiilee Falasxiinota miliyoonaan lakkaa’aman kaampii hidhaa naannoo daangaa Raafah jirutti hidhuuf qabdu deeggaruu qabdi.
Lammiileen Gaazaa gara Raafaatti buqqisuun, Masrii fi Israa’el kallattiin waldhabdee keessa akka galan taasisa jechuun kan akeekkachiisan qondaaltonni Kaayiroo, Gaaffii Waashingitan dhiheessite fudhatama akka dhabsiisan dubbachuu isaanii maddi oduu kun gabaaseera.
Kaayiroon Ameerikaan dhimma hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa (GERD) keessa seentee Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa gochuuf irra deddeebitee
yaaluun isii kan yaadatamuudha.
Ameerikaan falmii hidha kana keessa seenuuf carraa kan argatte Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yoo ta’u, bulchiinsi isaanii “dhimmicha hatattamaan akka furu” gaazexeessitootaaf himuu ‘Sputnik’tu gabaase.