WHOn haleellaa Israa’el dhaabbilee Gaazaa irratti raawwattu balaaleffate.

OFM:Adoolessa.23/2025-Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa haleellaa Israa’el Jiddugala Gaazaa irratti raawwatte balaaleffateera.

Dhaabbatichi haleellaan dhaabbilee isaa jiddugala Gaazaa irratti raawwatame hojii isaa itti fufuuf tattaaffii taasisaa ture akka gufachiise ibseera. Manni kuusaa guddaan dhaabbatichaas rukutamee barbadaa’uu ibsame.

Haleellaan jalqabaa Israa’el dheengadda Deir al-Balah irratti raawwatte lammiilee Falasxiin hedduun qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi rakkoo hawaasummaa guddaa akka muudatu akeekkachiisuu BBCn gabaaseera.

Waraanni Israa’el haleellaa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *