Naannawa Manneen jireennaa waliinii Mikiiliilaanditti sigiga lafaa muudateen namoonni 150 mana keesaa baafamuun gabaafame.

OFM:Fulbaana.18/2025-Magaalaa Finfinnee naannoo Manneen Jireennaa Waliinii Mikiiliilaandi jedhamutti sababa sigiga lafaa muudateen namoonni 150 qa’ee isaanni irraa akka fagaatan taasifamuu hojii gaggeessaan ol’aanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Inginar Wandimmuu Seetaa ibsan.

Balaan sigiga lafaa kun dallaa kondominiyeemii(mana jireennaa waliinii) Mikiiliilaandii Bilookii 13ffaa, akkasumas dallaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi jiddu galeessaa Mikiiliilaandi irrattis miidhaa geessisuu hojii gaggeessaan ol’aanaa kun ibsaniru.

Haaluma wal fakkaatuun balaan kuni aanaa 14 mana amantaa tokko keessattis ka argamu mana barumsaa daa’immanii tokko keessatti mana fincaanii irrattis miidhaa walfakkaataa dhaqqabsisuu ibsaniiru.

Miidhaan dhaqqabe mallattoon akka agarsisetti jalqaba walakeessa ji’a Hagayyaatti akka jalqabe yaadachisuun yeroo sanatti daandii kondominiyeemii duubaa irratti babbaqaquun mul’achuu akka jalqabe hubachiiseera.

”Sigiga lafaa kuni kan jalqaba ji’a hagayyaa ta’us , boodarra garuu keessumaa walakkeessa Hagayyaa irraa eegalee biyyeen baay’ee laaftuu fi bishaan baay’ee yeroo kuusuu gadi bu’uuf balaa kanaaf akka saaxilame” jechuun ibseera.

Kuni yoo laalamu jiraattota bilookii 123 yoo ta’u, abbaan warra achi keessa jiraatan kan baay’inaan gara 4,272 tti siqan balaa kanaaf saaxilamuu eeranii, kun hundi biishaan roobaa kan gamoo kan irraa dhufu gara lagaatti seenuun ka’umsa akka ture ibsaniru.

Haa ta’u malee, boolli lolaa naannoo manneen jireennaa waliinii kondominiyeemii balfa gosa adda addaatiin waan cufamaniif bishaan gara lagaatti hin yaa’u; achitti qofa dhangala’an jedhan.

Guyyoota darban kan keessa naannoo Kondominiyeemii Mikiiliilaandi Blook 13 tti balaa kana ittisuuf jecha miseensonni maatii 150 ol mana isaanii keessaa baafamuu isaanii ibsaniiru jechuun AMN gabaaseera.

Egeree laga kanaa ilaalchisuunis suuta suutaan bishaan gubbaa irraa gadi bu’uu fooyyessuu fi sochii namoota irraa bilisa gochuun barbaachisaa ta’uu gabaafame.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *