Pireezidaantiin Iraan kora UN irratti Israa’el himatan.
OFM:Fulbaana.24/2025-Pireezidaant Masuud Pezesjkiyaan ”eennutu addunyaa goolaa jira isinitti fakkaata?” jechuun gaaffiidhaan eegalan.
Itti aansuun haleellaa fi dararaa Israa’el Baha Jiddugaleessaa keessatti raawwataa jirtu balaaleffatan.
”Gaazaa keessatti yakka duguuggaa sanyii,” akkasumas Yamanii fi Siiriyaa barbaadeessuu isii kaasuun dubbatan.
”Kana hunda maqaa ofirraa qolachuu jedhuun biyya addunyaarratti guddoo taaterraa deeggarsa argattuun raawwatti.”
Kanaaf eennutu addunyaa jeeqaa jiraree? jechuun aanga’oota galma sana keessa jiru gaafatan Pireezidaant Pezeshkiyaan.
Waraana guyyoota 12f Israa’el biyyasaaniirratti raawwattes kora UN kanarratti balaaleffataniiru.
Karoorri Israa’el humnaa fi doorsisaan biyya namaa weeraruudha jedhan.
Gara fuulduraatti Iraan biyyoota duguuggaa sanyii dura dhaabbachuun qolatan bira dhaabbachuun ciminaan akka hojjettus ibsan.
Pireezidaantiin Iraan kun haleellaa Israa’el Kataar irratti raawwattes balaaleffataniiru.