Poolisiin Israa’el namicha Netaaniyaahuu ajjeesuuf Buufata Poolisiitti beeysise to’ate.

OFM:Fulbaana.25/2025-Namichi Ministiira Muummee Israa’eel Beeniyaamiin Netaaniyaahuu ajjeesuuf itti dhaadate, to’annaa jala ooluu poolisiin biyyattii beeysiseera.

Poolisiin akka beeysisetti namichi umuriinsaa waggaa 40fi isaa olii keessa jiru Wiixata darbe Netaaniyaahuu ajjeesuu akka barbaadu dubbatee turuu maddi oduu Rooyitars gabaase.

Namichi Netaaniyaahuu ajjeesuuf itti dhaadate kun lammima Israa’el magaalaa Kiriyaat Gaat jedhamtu keessa jiraatu yoo ta’u, waajjira poolisii deemuun Netaniyaahuu ajjeesuu akka fedhu dubbate.

“Shakkamaan kun waajjira poolisii deemuun meeshaa waraanaa bitatee rasaasa sadiin Netaaniyaahuu dhahee ajjeesuu akka barbaadu poolisootatti hime,” jechuun ibse poolisiin Isaa’el.

Namichi Netaaniyaahuu ajjeesuu akka barbaadu erga dubbatee booda, poolisoonni qabuun wayita ammaa to’annoo seeraa jala akka jiruufi himanni irratti banamuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus ibse.

Qorannoon Israa’el keessatti gaggeeffame akka ibsutti, waraana Gaazaatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa jiruun wal-qabatee lammiileen biyyattii Netaaniyaahu irraa abdii dhabuufi fudhatamni Bulchiinsa isaa gadi bu’aa deemuudha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *