Kirkirri lafaa cimaan Filippiinsitti muudatee lubbiun namoota hedduu darbe.

OFM:Onkoloolessa.01/2025-Filippiinsitti kirkira lafaa reektar iskeeliii 6.9 muudateen yoo xiqqaate namoonni 69 du’an.

Keessumaa bulchiinsa Cebu jedhamu keessatti miidhan qaqqabe guddaa ta’uurraa kan ka’e labsiin muddamaa labsameera.

Tajaajilli ibsaafi bishaanii adda cituun namoonni daandirra jiraachuuf dirqamaa jiru.

Biyyattiin torbee tokko dura dambalii galaanatiin rukutamtee namoonni heddu du’anii ture. Balaa sanarraa osoo hin dandamatin kirkirri lafaa namoota heddu galaafate isii muudate.

Qondaalonni biyyattii, hojjattoonni yeoro balaa hatattamaafi kanneen ogummaa waldhaansa fayyaa qaban bakkichatti bobba’aniif waamicha godhaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *