Ministeerrri Geejjibaa Ayyaana Irreessaaf hanqinni geejjibaa akka hin muudanneef qophiin taaasifame jedhe.

OFM:Onkoloolessa.01/2025-Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii Ayyaana Irreessaaf hanqinni geejjibaa akka hin muudanneef qophii barbaachisaan taasifameera jedhe.

Gorsaan Ministir Deetaa Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Asaffaa Haadis akka jedhanitti, Ayyaana Irreessaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 fi Hora Harsadee Fulbaana 25/ 2018 ALI kabajamuuf qophii gahaan taasifamuu ibsaniiru.

Ayyaanicha hordofee tajaajila geejjibaa irratti danqaan akka hin uumamneef Ejensii Geejjibaa Oromiyaa, Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee, Tajaajila Geejjibaa Paabilik Sarvisii fi Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii waliin ta’uun qophiin taasifamuu eeraniiru.

Keessumaa hirmaattota Finnfinneerraa ka’uun Ayyaana Irreessaa Hora Harsadee kabajuuf gara Bishooftuutti imalaniif buufataalee konkolaataa Magaalaa Finfinnee jaha keessatti tajaajilli geejjibaa gahaan qophaa’uu dubbataniiru.

Baaburri Labuu irraa hanga Bishooftuutti hirmaattota Ayyaanichaa geejjibsiisu qophaa’uu kaasanii, geejjibni Paabilik Sarvisiis hirmaattota Ayyaanichaa Baabura biraan gahuuf konkolaattota 50 ol ramaduu eeran.

Haaluma Kanaan buufataalee konkolaataa Addis Katamaa, Askoo, Ayyer Xeenaa, Qaallittiifi Laambaratitti tajaajilli geejjibaa qophaa’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Buufataalee konkolaataa kanneen dabalataan Bulchiinsa Magaalichaa iddoowwan filataman garaagaraatti tajaajilli geejjibaa gahaan qophaa’uu hubachiisaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *