Afrikaan Kibbaa Lammiilee Filisxeem ‘iccitiin’ gara biyyattii geeffaman akka qorattu ibsite.
OFM:SADAASA.15/2025-Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa dhimmi xayyaara ‘icciitiin’ lammiilee Filisxeem 153 Gaazaa irraa Afrikaa Kibbaatti buuse ni qoratama jedhan
Gareen kuni buufata xiyyaaraa OR Taamboo yeroo dhaqqabu akka hin seenne dhorkamee ture, kanaanis imaltoonni kunneen xayyaara keessa sa’atii 10 dabarsan. ”Paaspoortii isaaniirra chaappaa iddoo irraa dhufanii hin qaban,” jechuun qondaalonni himan.
Pireezidaanti Raamaafoosaa ”gara laafinaafi gaarummaa” mootummaan agarsiiseen akkasumas deeggarsa tola ooltotaan akka seenan taasifameera jedhan.
Namoonni kunneen akkamiin Gaazaa irraa akka bahaniifi gara Afrikaa Kibbaa dhufan ammallee hin baramne.
Afrikaan Kibbaa wayita Israa’el Gaazaa haleelaa turte deeggarsa isii Gaazaaf agarsiisaa turte.
