Ministeerri Barnootaa Doktoorummaa Kabajaatiin waammamuun hin danda’amu jedhe.
OFM:SADAASA.16/2025.Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii tibbana raawwii hojii damee barnootaa kurmaana jalqabaa qorateera.
Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Doktorummaa kabajaa kennuu irratti dhaabbileen barnoota ol’aanoo adeemsa wal fakkaataa kan hin qabaanne ta’uu dubbatan.
Rakkoo kana furuudhaaf akka biyyaatti qajeelfamni qophaahee hojiirra ooluuf akka jiru beeysisaniiru.
Kanaa-achi dhaabbileen barnoota ol’aanoo kanaan booda haala kenniinsa Doktarummaa Kabajaa ilaalchisee akkaataa qajeelfama qophaaheen raawwachuu qabu jedhan.
Namoonni kabajni kennamuufis Doktara yookaan Doktara Kabajaa maqaa jedhu fayyadamuu akka hin dandeenne Piroofeesar Birhaanuun hubachiisaniiru.
