MM Israa’el Himata malaammaltummaa irratti baname dhiifama gaafatan.
OFM:SADAASA.30/2025.Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun himannaa malaammaltummaa irratti dhiyaateef, Pireezidaantii biyyattiif dhiyeeffatan.
Netaaniyaahuun himannaa malaammaltummaa isarratti banameef dhiifama gaafateera.
Waajjirri Ministira Muummee ibsa har’a kenneen himannaan malaammaltummaa Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti baname biyyattii gadi fageennaan qoqqooduun dhimmi yeroo dheeraaf ture cufamuun tokkummaa biyyaalessaa biyyattiif bu’a qabeessa ta’uu ibseera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tibbana yeroo daawwannaa Israa’el taasisaniin Pireezidaantiin Israa’el Isaa’ak Herzoog Netaaniyaahuu dhiifama akka godhan gaafataniiru jechuun miidiyalee biyyattii dabalatee miidiyaaleen kaan gabaasaniiru.
Gama biraatiin gaaffiin dhiifama Netaaniyaahuun mormitoota biyyattii irraa qeeqa cimaa argateera.
Gaaffiin kun dhaabbilee dimokiraasii biyyattii laaffisuu fi seeraa ol ta’uu isaa mallattoo balaa ta’uu isaati jechuun qeeqamaa tureera.
