Addunyaa guutuutti waggaa tokko keessatti namoonni 630,000 dhukkuba AIDSiin du’uun himame.

OFM:Muddee.01/2025.Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gabaasa jala bultii guyyaa AIDS addunyaa Muddee tokko(01) kabajamu irratti baaseen bara 2024tti namoonni miiliyoona 1.3 haaraa HIVn akka qabaman beeysiseera.

Akkasumas namoonni 630,000 dhibee HIVn walqabateen akka du’an beeysiseera.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii bara faranjootaa kana miiliyoona 40.8 gaheera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa michoota isaa waliin ta’uun mata duree “Breaking the cycle, transforming the AIDS response” jedhuun guyyaa Eedsii Addunyaa bara kanaa kabajuun, hoggansa siyaasaa itti fufiinsa qabu, tumsa addunyaa fi mala mirga namoomaa irratti hundaa’uun weerara AIDS bara 2030tti xummuruuf waamicha dhiyeesseera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ”Guddina waggoota kurnan lamaan darbaniif booda deebii HIV yeroo murteessaa ta’e irra jira,” jedheera.

Tajaajilli lubbuu baraaruu addaan cituu jira.

Hawaasni hedduun balaadhaaf saaxilamanii jiru.

Haa ta’u malee, qormaanni kun jiraatus, kutannoo, dandamachuu fi kalaqa hawaasni AIDS dhaabuuf hojjetan irratti abdiin jira,” jedheera.

Afrikaa keessatti daa’imman, shamarran umrii kurnanii keessa jiranii fi shamarran dargaggoonni saaxilamoo ta’uu dhaabbatichi beeysisuu’Gaazexaan The Post gabaaseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *