Puutin ” Awurooppaa waliin wal loluuf fedhii hin qabnu, garuu yoo barbaadan qophiidha” jedhan!
OFM:Muddee.02/2025.Puutin marii Ameerikaan Moskootti taasiftuun dura Raashiyaan Awurooppaa waliin waraana hin barbaaddu garuu yoo isaan barbaadan ‘loluuf qophiidha’ jedhan.
Marii nagaa Yukireen irratti gaggeeffamu keessatti hirmaannaa Awurooppaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateef, Awurooppaan ”qubsuma Awurooppaa keessaa of baafteetti” jechuun, lammiileen Awurooppaa ”ajandaa nagaa hin qaban” jechuun qeeqaniiru.
Inumaayyuu tattaaffii US waldhabdee kana furuuf gootu gufachiiseera jedhan.
Akkasumas, gaaffiin Awurooppaan waraanni kun akka xummuramuuf dhiheessan Raashiyaa biratti ”fudhatama hin qabu” jedheeniiru Putiin.
Itti dabaluudhaan, “Awurooppaa waliin wal loluuf hin deemnu, garuu biyyoonni Awurooppaan nu waliin loluu yoo barbaadan yeroo ammaa kana qophiidha” jechuusaanii BBC,Sky news’ dabalatee miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Biyyoota Awurooppaa miichuu Kiiv ta’an minjaala marii irratti teessoo argachuuf dhiibbaa taasisaa kan turan yoo ta’u, keessumaa Yukireen lammata akka haleellaa jala hin galleef wabii nageennaa gargaaru irratti cichanii turan.
