Taayilaand biyya ollaa Kaamboodiyaa irratti haleellaa xiyyaaraa bante.
OFM:Muddee.08/2025.Taayilaandi wiixata har’aa haleellaa xiyyaaraa ollaa biyyattii Kaamboodiyaa irratti raawwachuu isii waraanni biyyattii beeysiseera.
Haleellaan kun kan raawwatame erga loltoonni Kaamboodiyaa bulchiinsa Ubon Ratchathani keessatti humnoota Taayilaand irratti dhukaasa bananiin
Walitti bu’iinsa kanaan loltuun Taayilaand tokko yoo du’e, 4 ammoo madaa’aniiru.
Dubbi himaan waraana Taayilaand akka jedhanitti, waraanni Taayilaand haleellaa kanaaf deebii kan kenne, humnoota Kaamboodiyaa ukkaamsuuf “bakka waraanaa hedduutti haleellaa raawwachuudhaan” ture.
Haleellaan kun kan raawwatame erga biyyoonni lamaan labsii dhukaasa dhaabuu pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp jidduu galeessa godhate cabsaniiru jechuun wal himatanii booda.
Gama biraatiin ammoo dubbi himaan ministeera ittisaa Kaamboodiyaa akka jedhanitti humnoonni Taayilaand loltoota Kaamboodiyaa bulchiinsa daangaa Preah Vihear fi Odar Mainchi keessatti haleellaa raawwachuu isaanii ibsaniiru.
Waldhibdeen uumame kun buqqa’iinsaaf sababa ta’eera. Akka ibsi Naannoo Waraana Lammaffaa Taayilaandi irraa ba’etti namoonni naannoo daangaa jiraatan gara kuma 35 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Waldhabdeen kun waldhabdee daangaa walduraa duubaan uumame keessaa isa dhumaa yoo ta’u, ji’a sadaasa keessa waraana guyyoota shaniif yoo xiqqaate namoota 48 ajjeesee fi tilmaamaan lammiilee 300,000 ta’an buqqisuun isaa kan yaadatamuudha.
