Guyyaan Saboota Sab_Lammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan kabjamaa jira.

OFM:Muddee.08/2025.Ayyaanni kun, mata duree “Walii Galtee Diimookraatawaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun Naannoo Giddu Galeessa Itiyoophiyaa Magalaa Hosaanaatti kabajamaa jira.

Dirree Kubbaa Miilaa yaadannoo Eebuyee Ersaamiif ijaarametti sagantaa kabaja ayyaana yaadannoo kanaa gaggeeffamaa jiru irrattis namootni kumootaan lakkaa’aman irratti hirmaataa jiru.

Muddee 04 kan jalqabe Ayyaanni Guyyaa Saboota Sab – Lammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan, agarsiisawwan aadaa ummataa fi waltajjiiwwan siyaasaa dabalatee taatewwan hedduu keessummeesseera.

Ayyaanni Guyyaa Saboota Sab – Lammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa waggaa waggaan Muddee 08 guyyaa Heerri Federeelawa Diimokraatawa Riippaabliika Itiyoophiyaa itti ragga’e yaadachuun ayyaana kabajamuudha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *