Abbaan Alangaafi waayillan isaa mattahaa qarshii kuma dhibba shan osoo fudhatanii to’ataman.

OFM:Muddee.19/2025.Ministeera Haqaatti ramaddii dhimma Abbaa Alangaarra kan hojjataa turanii fi namootni isaaf tumsaa turan abbaa dhimmaa takko irraa qarshii miiliyoona tokko fudhachuuf walii galuu fi kuma 500 fudhatanii harkatti qabamuun himanni irratti banamuu waajjirri ministeeraa haqaa beeysiseera.

Ministeera Haqaatti ramaddii dhimma Abbaa Alangaarra kan hojjataa turanii fi namootni isaaf tumsaa turan abbaa dhimmaa takko irraa qarshii miiliyoona tokko fudhachuuf odoo walii galan, achiis walakkaa miiliyoona kan ta’u ammoo fudhatanii nagahee harkatti galfachuuf osoo jedhan harkaafi harkatti qabamanii himanni irratti banamee akka jiru waajjirri ministeeraa kun beeysisee jira.

Akka ibsa Ministeera Haqaatti namootni kun abbaa dhimmaa himanni isaa qoratamaa jiru “himanni yakkaa akka sirratti hin banamne taasifna” jechuun qarshii miiliyoona tokko nuu kaffali jechuun mattahaa irraa fudhachuuf gaafataa turan.

Kana boodas dhimmicha ministeera haqaa erga beeysifameen booda, poolisii waliin ta’uun dhimmichi hordofamaati ture.

Kanaanis guyyaa gaafa Sadaasa 25/2025 maatiin himatamaa kun qarshii kuma dhibba shan yeroof nama to’annaa jala hin oolle kan tumsa yakka kanaa keessaa harka qabuuf dabarsanii nagahee qarshii ittiin galchan kana osoo kennanii qaama nageennaan qabamanii jiran.

Ministeerri Haqaas ragaa barbaachisu mara walitti qabee Muddee 17/2025 akkaataa seera yakkaa keewwata 32/1fi labsii yakkaa 881/2007 keewwata 10/1fi 2 mana murtii ol’aanaatti himannaa banee jira.

Ministeerri Haqaa rakkoo walfakkaatu akkanaa to’achuuf waamichi isaa Ministira Haqaaf kan ta’e garee qorannaa dhaabee qorataa akka jiru ibsee, qaamota haqaan yakki malaammaltummaa taasifamu kamuu fokkisaa akka ta’e akeekkachiisee, waajjirichi kana keessaa namoota harka qaban akka itti gaafataman mirkaneessuuf hojiirra jiraachuullee ibseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *