Sa’uudii Arabiyaan Muddee 01/2026 irraa eegalee hojjettoota mana keessaaf sirna kaffaltii mootummaan diriirse hojiirra oolchuuf akka jirtu himame.
OFM:Muddee.24/2025.Hojjettoonni mana keessaa Sa’uudii Muddee 01/2026 irraa eegalee kaffaltii elektirooniksii akka argatan ministirri humna namaa biyyattii beeysisaniiru.
Ministirri humna namaa biyyattii, Hojjettoonni kunneen maallaqaan osoo hin taane yeroon kan kaffalamu sirna “Musannad” jedhamu yoo ta’u, maallaqa argatan karaa mirkanaa’eenii fi yeroo isaa eeggate akkasuma karaa hayyamameen alas, maatii isaaniitiif dabarsuu ni danda’u jedha.
Sa’udiin sirna kana hojjettoota haaraaf bara 2024 irraa eegalee hojiirra oolchaa kan turte yoo ta’u, adeemsa adda addaa keessa darbee bara 2026 guutummaatti hojiirra ni oola jedhamee eegama.
Sirna haaraa kanaan hojjettoonni mindaa isaanii akka waliigaltee isaaniitti dhuma baatii Hijrii irratti ni argatu jedhameera.
Sirni haaraan kun hojjettoonni mana keessaas kaffaltii yeroon akka argatan gochuudhaan rakkinaafi kaffaltii dhabuu irraa kan eegu ta’a.
