Baankiin biyyaalessaa Baankonni dhugummaa Ragaa barnoota hojjetoota isaanii akka qulleessan ajaje.
OFM:Muddee.23/2025.Ragaaleen barnootaa sobaa, akkasumas ragaa digirii bitamu hordofuun, Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa ragaan barnootaa hojjettoota baankota biyyattii keessa jiranii akka qulullaa’u ajaje.
Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa baankonni ragaa barnootaa tokkoon tokkoon hojjettoota isaanii digirii tokkoffaa isaanii dura mirkaneeffatanii qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf akka dhiyeessan qajeelfama baaseera.
Akkaataa qajeelfama kanaatti hojjetaan tokkoon tokkoon isaa ragaa barnoota digiriin duraa kutaa 12ffaa ykn Dippiloomaa IV dhiyeessu akka qabus himameera.
Hojjettoonni ragaa barnootaa Dippiloomaa (Sadarkaa Afur) xummuranis dhaabbilee bulchiinsa naannoolee fi Magaalotaa dhimmi ilaallatu irraa ragaa dhiyeessuun dirqama akka ta’us himame.
Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa qaawwa sirna danbii fi hordoffii uumame fayyadamuun gurgurtaa waraqaa ragaa digirii irratti bobba’aa turuu Ministeerri Barnootaa ibseera.
Sababa kanaan Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa ragaa digirii mataa isaanii akka hin kennineef dhoorgeera.
Abbaan taayitichaa qorannoo dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irratti gaggeesseen barattoonni waggaa 10 keessatti eebbifaman miiliyoona 1.1 keessaa kuma 100 ol ragaa barnootaa sobaa galmeessuu isaanii ifa godheera.
Namoota dhuunfaa ragaa barnootaa sobaa qabatanii argaman keessaa hoggantoonni ol’aanoo mootummaa naannoo federaalaa fi naannoolee akka jiran mirkaneessuun isaa himamee jira.
