Osmaan Dembelleen Taphataa Cimaa Addunyaa jedhamuun Badhaasa ‘Globe Soccer’ irratti badhaafame.

OFM:Muddee.28/2025.Taphataan PSG Badhaasa Baalaandoor fi FIFA injifate Osmaan Dembellee Badhaasa ‘Globe Soccer’ irratti Taphataa Cimaa Addunyaa jedhamuun badhaafame.

Morkataa Dembelee kan ta’e Lamiin Yaamaal badhaasa Taphataa Sarara Fuulduraa Cimaafi Taphataa Miidhagina Kubbaa Miillaa gonfachiise jedhamuun ‘Maradona Award’ injifateera.

Vitiinihaan taphataa cimaa sarara gidduu yoo jedhamu, Dizaayer Duuyeen ammoo taphataa cimaa dargaggeessa reefu mul’ataa jiru jedhamee badhaafameera.

Waltajjicha irratti Kiristiyaanoo Ronaaldoon badhaasa “Globe Soccer” irratti Taphataa Cimaa Baha Jiddugaleessaa injifate.

Pool Pogbaan ammoo taphataa abdii kutannaarraa deebi’uun fakkeenna ta’e jedhamuun badhaafame.

Luwis Inriikeen leenjisaa cimaa yoo jedhaman, PSG’n ammoo Garee Cimaa bara 2025 ta’uun ‘Globe Soccer’n filameera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *