Netaaniyaahuun Daawwannaa murteessaa jedhame Donaald Tiraamp wajjin wal arguuf Filooriidaatti qajeelan.

OFM:Muddee.28/2025.Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Dilbata har’aa gara Ameerikaatti balali’uun pireezidaant Doonaald Tiraamp waliin wal arguuf jiru.

Walgahiin kunis Wiixata (Muddee 29, 2025) magaalaa Mar-a-Lago, Florida keessatti kan gaggeeffamu kun dhimmoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffata jedhamee eegama:

1•Marsaa Itti Aanu Dhukaasa Dhaabuu Gaazaa:-

Tiraamp dhukaasa dhaabuu Gaazaa amma jiru gara Marsaa 2ffaatti akka ce’uuf ciminaan dhiibaa jiru.

Netaaniyaahuun garuu Israa’el Gaazaa keessaa bahuun dura “Hamaas hidhannoo hiikkachuu qaba” jechuun ejjennoo cimaa qabataniiru.

2•Yaaddoo sagantaa niwukilaraa Iraan:-

Sagantaa misaa’elaa fi niwukilaraa Iraan ilaalchisee Netaaniyaahuun Tiraampiif ajandaa ijoo ta’uun himama.

Keessattuu, Tiraamp amansiisuudhaan qoqqobbii cimaa Iraan irratti akka kaa’uu fi yoo barbaachisaa ta’e tarkaanfii waraanaa fudhachuuf yaalaa akka jiran himama.

3•Libaanosii fi Sooriyaa:-

Hoggantoonni lamaan itti fufiinsaan dhukaasa dhaabuu dhiheenna kana Hizbullaah waliin taasifamee fi haala nageennaa Siiriyaa irratti ni mari’atu.

4•Karoora nagaa Tiraamp:-

Hoggantoonni lamaan karoora nagaa qabxiilee 20 (abbaa taayitaa haaraa Falasxiin hundeessuun dabalatee) kan Pireezidaanti Tiraamp baatii Muddee keessa ifa gochuuf karoorfatan irratti bal’inaan ni mari’atu jedhamee eegama.

Daawwannaan kun Netaaniyaahuun bara bajataa kana Tiraamp waliin wal arguuf gara Ameerikaatti imala 5ffaa isaati.

Hoggantoonni lamaan kun michummaa yeroo dheeraa kan qaban yoo ta’u, yeroo waraanni Gaazaa fi saffisa adeemsa nagaa irratti garaagarummaa akka qaban himama.

Bu’aan walgahii kanaa Baha Jiddu Galeessaatti nagaa ni fida moo waldhabdee dippilomaasii haaraa uuma? Ni ilaalla.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *