Abbaan taayitichaa Sirna eebbaa irratti boba’aan dhangalaasuun miidiyaa gubbaatti mul’ate; buufaticha uggure!

OFM:Amajjii.10/2026.Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Diiksis Magaalaa Hamdaa keessatti buufata gaazaa hojii jalqabuu wayita jedhutti, maashina boba’aa ittiin waraabaniin wayita boba’aa lafarratti firfirsamuun dhangala’u midiyaalee hawaasaa irratti mul’atuu hordofee uggura akkarra kaaye beeysiseera.

Uggurri kunis buufata boba’aa Global jedhamu irratti kan murtaa’eedha.

Akka ibsa gabaabaa abbaan taayitichaa baaseen;

buufanni kun dirqama Labsii Daldala Boba’aa Lakk.1263/2017 keewwata 7(10) jalatti eerame dirqama isaa darbuu fi bu’uura Labsii keewwata 23(1) tiin hayyamni isaa ji’a sadiif addaan citee jira.

Akkasumas, yeroo hayyamni boba’aa kennamu dirqama keessaa tokko nageenna boba’aa mirkaneessuu fi naamusaa fi of eeggannoo cimaadhaan, buufata boba’aa sadarkaa isaa eeggate qabeenna ittisa balaa tasaa gahaa qabu keessatti, gatii guyyaa guyyaan fayyadamaadhaaf gurguruu akka ta’e hubachiisaniiru.

Buufatni boba’aa jedhame kun maallaqa biyya alaa baay’ee baasuun boba’aa gara biyyaatti galfame faayidaa ummataaf akka hin fayyadamne itti gaafatamummaadhaan akka hin fayyadamne himaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *