Itiyoophiyaan riifoormii dinagdee maayikiroo cimsuuf Baankii Addunyaa deeggarsa gaafatte.

OFM:Amajjii.28/2026.Itiyoophiyaan fooyya’iinsa diinagdeehojiirra oolfachuuf gargaarsa maallaqaafi teeknikaa Baankii Addunyaa gaafachuu Ministeerri Maallaqaa ibse.

Ministirri maallaqaa Itiyoophiyaa, hoogganaa baankii Addunyaa waankayi Zihang, waliin marii geggeesseen adeemsa riifoormii dinagdee biyyattii mirkaneessuuf deeggarsi maallaqaa fi teekinikaa dhaabbilee addunyaa murteessaa ta’uu toora miidiyaa hawaasaa isaatiin ibseera.

Marii Ministira Maallaqaa Ahmad Shidee fi daariktera olaanaa baankii Addunyaa Waankayi Zihang, gidduutti gaggeeffameen, maallaqi deeggarsaaf Itoophiyaan gaafattte kun, riifoormii diinagdee mootummaan Itoophiyaa hojiirra oolchaa jiru kan gara damee dhuunfaatiin hoogganamutti ceessisuuf kaayyeffate ta’uu Ministirri Ahmad Shideee, Waankayi Zihangif bal’inaan ibsaniiru.

Riifoormiin kun guddina diinagdee waaraa mirkaneessuu, carraa hojii uumuu fi dandeettii oomishaa biyyattii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uunis ibsameera.

Kana malees, mootummaan dameewwan akka diinagdee dijitaalaa, turizimii, fi walitti hidhamiinsa dinagdee naannoo, karaa Daldala Walabaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) guddisuuf karoora qabachuu isaa ibsaniiru.

Ministirri Ahmad Shidee, Baankiin Addunyaa dameewwan murteessoo ta’an hunda keessatti “deeggarsa guddaa” taasisuuf qophiin jiru kan dinqisiifatamu ta’uu ibsanii, riifoormii haaromsaa fi ajandaa misooma Itoophiyaa tarkaanfachiisuuf gaheen Baankii Addunyaa ol’aanaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hoogganaan daariktera ol’aanaa baankii Addunyaa waankayi Zihang, gama isaaniin tarkaanfiiwwan haaromsaa Itiyoophiyaan fudhatte, kanneen akka liqaa biyyattii irra deebi’anii gurmaa’uu dabalatee, Baankiin Addunyaa ramaddii biyyoota idilee Itiyoophiyaan afootti Foddaa Guddinaa fi Carraa Naannoo fayyadamuun qarqaarsa teeknikaa fi faayinaansii taasisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessanii jiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *