Taayilaanditti olguddattuun qawwee pilaastikaa meeshaa taphaa fayyadamuun jaldeessa ofirraa ittistu ijoo dubbii ta’e.

OFM:Gurraandhala.08/2026.BiyyaTaayilaandi bulchiinsa Lopburi keessatti Daa’imni durbaa tokko jaldeessota kumaatamaan lakkaa’aman irra deddeebi’anii jiraattota rakkisuu fi nyaata hataniin ijibbaachise ofirraa ittisuuf Shugguxii pilaastikaa meeshaa taphaa harkatti qabatte mata duree haasawa taateetti.

Suuraan ogeessa suuraa bineensota bosonaa kaase kun olguddattuu Noy jedhamtu kun jaldeessa irraa of eeguuf qawwee pilaastikii airsoft qabattee deemtu, jaldeessi jiraattota magaalattii keessa jiraatan qormaata idaan muudate kan mul’isuudha.

Lopburi Magaalaa Jaldeessonni kumaatamaan lakkaa’aman kan bilisaan keessa deeman ta’uun beekamti.

Haa ta’u malee, jaldeessonni nyaata namoota irraa butachuu, nama ari’uu fi jiddu gala daldala keessatti saamuu amaleeffataniiru.

Daa’imti umrii kurnanii keessa jirtu Nooyi jedhamtu ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenniteen, guyyaa guyyaan jaldeessota kanaan saamamuu waan dadhabdeef tooftaa kanaan jaldeessota kanneen sodaachisuuf akka dirqamte dubbatteetti.

Jiraattonni Lopburi bineensota kana waliin walsimsiisuun jiraachuuf mala adda addaa kan fudhatan ta’us, lakkoofsi jaldeessota baay’ataa dhufuu fi amala aggaammii isaanii dabalaa dhufuun jireenna isaanii guyyaa guyyaa rakkisaa taasiseera.

Suuraan Noi’s namoota hedduu afaan dhabsiisee yoo ta’u, duugda duuba garuu waldhabdee namaa fi bineensotaa sadarkaa ol’aanaa magaalattii keessatti mul’ateef fakkeenna ifa ta’eera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *