OFM:Sadaasa.02/2025-Naannoo Oromiyaatti Koreen Boordii Filannoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa filataman sirna kakuu taasisan. Koreen Boordiin filannoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaaf filataman Guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee Biiroo mana marichaatti sirna kakuu raawwataniiru. Filannoo yeroo dhihootti adeemsisuuf Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa karoorsee hojjetaa jiraachuun isaa ni yaadatama. Haaluma Kanaan guyyaa har’aa Bakka Walitti qabaa Koree Boordii Filannoo Mana Marichaa kan ta’an Dr. Abdulaziiz Ibraahiimiifi Mana Murtii Shariyaa Oromiyaa irraa kabajamoo Qaadii Kaalid Umar bakka jiranitti koreeleen eeraman kunneen sirna kakuu kan taasisan. Haaluma kanaan, Maqaan namoota Koreedhaaf filatamanii kanneen armaan gadiiti.

1• Obbo Muktaar Jamaal

2• Obbo Umar Aliyyii

3• Sheek Hasan Yahayaa

4• Obbo Moosisaa Ibraahim

5• Ustaaz Badruu Nuuruu

6• Obbo Mahdii shamsuu

7• Obbo Waariyoo Nuuruu,

Jedhaman sirna Kakuu raawwatanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *