OFM:Sadaasa.04/2025-Humnoota hin beekamneen Turistootni Kooriyaa reebamuun Hospitaala seenan. Turistoonni kunneen Paaspoortii fi mi’a boorsaadhaan qabatanii jiran dabalatee, Maallaqa harkaa qabanis saamamaniiru jedhame. Lammiilee isii qofaaf osoo hin taane, Itiyoophiyaan Lammiilee Hojjettoota Biyya Ambaa, Turistoota gara biyyattii, dhufanii daawwa’ataniif reebichaafi ugguraan kan keessummeessitu erga taatee bubbultee jirti. Torban dabarsine keessa, Guraandhala 20/2017 paarkii biyyoolessa kaabaa irraa gara Gondaritti Turistoota kooriyaa deebi’aa turanirratti reebicha hir’ina qaamaatiif isaan saaxileefi saamichi qabeenna isaanii irratti raawwatuu Daawwachistotni ‘Ethio Forum’tti himaniiru. Gondar ambar goorgiis madda talbaa naannawa jedhamutti keellaa dhaabuudhaan reebicha cimaa Turistoota kooriyaa maqaan isaanii kusuumiifi shiin jedhamanirratti akka ta’es himame. Konkolaachisaa, daawwachiisaa akkasuma Turistootni haala socho’uu hin dandeenneen humnoota hin beekamne kanneeniin reebamanii miidhamuu Turistoota kanneen qabatanii Paarkii biyyoolessaa kaabaatti kan imalaa turan Obbo Asmiir amlaakeedha. Ulee, sadafii qawweetiin reebichi cimaan daqiiqaa 30 oliif Turistoota kooriyaa irratti raawwatameen, Turistootni kunneen miidhaa guddaaf saaxilamuun Hospitaala Seenuu isaanii Obbo Asmiir Amlaakee himuu ‘Ethio Forum’tu gabaase