Maagaalaa Kaartuum guutummaan to’achuu isaa Humni Waraanaa Suudaan labse. OFM:Sadaasa.27/2027-Humni Waraanaa Suudaan magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum guutummaan to’achuu beeysise. Ajajaan Humna Waraanaa Suudaan Jeneraal Abdul Fattaah Al-Burhaan buufata xayyaaraa kaleessa humnoota RSF harkaa baafametti bu’uun magaalan Kaartuum harka humnoota RSF irraa deebisanii to’achuu labsan. Masaraa mootummaa duraan harka RSF tures daawwataniiru. “Kaartuum walaba baatetti” jedhan. Humni Waraanaa Suudaan torbanuma kana masaraa mootummaa humnoota RSF irraa erga fudhateen booda saffisaan mo’icha argataa dhufeera jechuun BBC dabalatee Miidiyaaleen ibaa gabaasuu irratti argamu. Humni Addaa Suudaan (RSF) Ebla bara 2023 irraa kaasee iddoowwan ijoo kanneen akka wiirtuu muummee buufata waraanaa biyyattii, buufata xayyaaraafi masaraa mootummaa dabalatee magaalaa Kaartuum harka caalu to’atee turuun kan yaadatamuudha. Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *