Bulchiinsi Tiraamp nama ‘dogongoraan’ gara El Salvaador erge akka deebi’u Manni murtii ajaje.
OFM:Muddee.05/2025-Manni murtii nama bulchiinsi Doonaald Tiraamp ‘dogongoraan’ gara El Salvaador erge gara Ameerikaatti akka deebi’u ajaja dabarse.
Jiraataan magaalaa Meeriilaandii Kilmer Abrego Garcia gara mana hidhaa El Salvaadoritti ergamuun gabaafameera.
Ji’a darbe Kilmer fi namoonni dhibbaan lakkaa’aman miseensa garee yakkamtootaa ta’uu isaaniitiin Ameerikaa keessaa ari’amaniiru.
Abbaan murtii Paawulaa Ziinis Kilmer hanga Wiixataatti gara Ameerikaatti akka deebi’u ajajuu BBC’n gabaaseera.
Dhaabbanni Immigireeshinii fi Gumuruuka Ameerikaa akka jedhetti namni kun ”dogongoraan” gara El Salvaador kan ergame ta’uu isaati.
Bara 2019 manni murtii Kilmer Ameerikaa keessaa ari’amuu akka hin qabne murteessee ture.Waayit Haawus garuu namtichi miseensa garee MS-13 akka ta’e ibseera.
Abukaatoon himannaa kana deeggaru ragaan tokkollee akka hin dhiyaanne dubbataniiru.
Bulchiinsi Traamp lammiilee Veenzuweelaa 238 fi lammiilee El Salvaador 23 gara mana hidhaa El Salvaador maqaa gaarii qabutti erge.
Abbaan seeraa Kilmer, Simon Sandoval-Moschenberg, maamiltoonni isaanii yakka kamiinuu himatamee hin beeku jedheera.
“Akka humnaan biyya keessaa ari’amuuti” jechuun haala jiru ibsu.
ICEn wanti ta’e ”dogongora” jedheera, garuu Ministeerri Nageenna Biyya keessaa Kilmer to’annaa El Salvaador jala waan jiruuf manni murtii aangoo murtii hin qabu jechuun falme.
Garuu abbaan murtii kun Kilmer Ameerikaa irraa ari’amuun isaa ”seeraan ala” jechuun murteesse.
Itti aanaan hogganaa ol’aanaa Waayit Haawus Isteefan Miilar abbaa murtii kana ”Maarkisistii pirezidaantii El Salvaador jettee yaaddu” jedheera.
Bulchiinsi Tiraamp Kilmer hojiitti deebi’uu hin danda’u jechuun cichee dubbachuun isaa abukaatoo kana mufachiiseera.
“Tattaaffii tokko malee kufne jedhaa jiru” jedhan.
Ministirri Haqaa Abbaan Alangaa Erez Raveni yeroo falmii mana murtiitti dhiyeessan dogongorri akka raawwatame amanee jira.
“Ajajni hidhaa itti kenname hin turre. Kanaaf sababaa biyyaa isa ari’an hin qaban turan,” jedhu abbaan murtii.
Dhimmi kun qeeqa Dimookiraatota irraa argateera. Akkasumas qondaaltota immigireeshinii Tiraamp adeemsa sirrii cabsaa jira jechuun qeeqaniiru.
“Dogongora akka hojjetan amananiiru. Kanaaf ni sirreessa jedheen eega,” jedhan bulchaan Meeriilaandii Wes Moore, Dimookiraat.
•BBC’fi Miidiyaalee ibaa waabeffanneeti.