UN’n Awurooppaanonni Gocha hamaa Afrikaanota irratti raawwataniif beenyaa kaffaluu qabu jedhe!
OFM:Bitootessa.26/2026.Gochootni yeroo Daldala Garbaa Awuroppaanotni Lammiilee Afrikaafi Guraachota Ameerikaarratti raawwatan yakka hamaafi dhala namaaf hin malleedha jechuun Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii beekamtii kennuun Gurraachota Afrikaafi Ameerikaaf beenyaan akka kaffalamu gaafateera.
Yeroo Daldala Garbaa Awurooppanotni Garba Atilaantik qaxxaamuruun lammiilee Afrikaa akka meeshaatti daldalaa turanitti lammiilee dirqamaan butaman Miiliyoona 15 ol ta’an keessa Miiliyoonni 2 battalatti lubbuu dhabuu ‘Africa news’ gabaaseera.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii komii Afrikaa erga dhaggeeffatee booda sagalee deeggarsaa 123 gochootni kunneen yakka hamaadha jechuun raggaasisuun beenyaan akka kaffalamuuf kan gaafate.
Murtoo UN dabarse kana Biyyootni sadii Ameerikaa, Arjentiinaafi Israa’el yoo morman, Gamtaa Awuroppaa dabalatee biyyootni 52 callisuu filachuusaanii Miidiyaaleen Idil Addunyaa ‘The Guardian, Aljazeraa fi France 24 dabalatee miidiyaaleen kaan gabaasan.
