Doonii waraanaa US adda addaa duubatti deebi’an, Tiraamp aarii guddaa keessa galaniiru.

Dooniin xiyyaara fe’umsaa USS Abrahaam Liinkan Iraanirratti haleellaa kan gaggeessaa turan jeettii waraanaa, misaa’elaa fi raadara fe’atan bakka duraan turan irraa duubatti deebi’uun gabaafameera.

Buufatni televijiinii Jarman ARD fi maddeen oduu biroo qondaaltota Ameerikaa waabeeffachuun akka gabaasetti, dooniin USS Gerard Ford, kan naannoo Jidduu Galaana Diimaa keessatti ture, ibiddi itti qabatee gara buufata Souda Bay, Crete (Giriikii) deemaa jira. Sababni ibiddaa kanaa hanga ammaatti ifa hin taane.

Gariin bidiruu irraa dhukaafame jedhu, kaan Yaman irraa furguggifame jedhu, kaan garuu doonii sana irraa akka ta’e dubbatu.

Dooniin xiyyaara fe’umsaa kan biraa USS Abraham Lincoln jedhamus bakka duraan ture irraa gara kibbaatti duubatti deebi’uu maddeen suuraa saatalaayitii waabeeffachuun gabaasaniiru.

Xiyyaarotni fe’umsaa kunneen kanaan dura daangaa Iraan irraa kiiloo meetira 400 gadi turan.

Bakki amma itti buufatan ykn buufatu jedhamee eegamu Iraan irraa kiiloo meetira 1000 ol fagaata.

Biyyoonni Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa Iraan irraa of eeguuf doonii waraanaa gara Strait of Hormuzitti akka bobbaasan gaafatan harki caalaan isaanii gaaffii kana kuffisuun hoggantootaa fi mootummoota isaanii arrabsuun isaanii ni yaadatama.

Tiraamp miseensota NATO biyyi isaanii hooggantu “gowwaa” jechuun waamuun isaanii kan yaadatamuudha.

Ministirri Muummee Biriteen Keir Starmer ”dogongora guddaa” jechuun daawwannaa Chaayinaaf karoorfame haqaniiru.

Doonii waraanaa adda addaa-US duubatti deebi’an, Tiraamp aarii guddaa keessa galaniiru

Dooniin xiyyaara fe’umsaa kan biraa USS Abrahaam Liinkan bakka duraan ture irraa duubatti deebi’uun xiyyaarota waraanaa, misaa’elaa fi raadara fe’attee Iraan rukutuuf akka jirtu gabaafameera.

Buufatni televijiinii Jarman ARD fi maddeen oduu biroo qondaaltota Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti, dooniin USS Gerard Ford, kan naannoo Jiddaa Galaana Diimaa keessatti buufata turte, gara Souda Bay, Crete (Greece) deemaa akka turte, achitti ibiddi qabdi. Sababni ibiddaa kanaa hanga ammaatti ifa hin taane.

Gariin bidiruu irraa dhukaafame jedhu, kaan Yaman irraa furguggifame jedhu, kaan garuu doonii sana irraa akka ta’e dubbatu.

Dooniin xiyyaara fe’umsaa kan biraa USS Abraham Lincoln jedhamus bakka duraan ture irraa gara kibbaatti duubatti deebi’uu maddeen suuraa saatalaayitii wabeeffachuun gabaasan.

Xiyyaarota fe’umsaa kunneen kanaan dura daangaa Iraan irraa kiiloo meetira 400 gadi turan.

Bakki amma itti buufatan ykn buufatu jedhamee eegamu Iraan irraa kiiloo meetira 1000 ol fagaata.

Biyyoonni Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa Iraan irraa of eeguuf doonii waraanaa gara Strait of Hormuzitti akka bobbaasan gaafatan harki caalaan isaanii gaaffii kana kuffisuun hoggantootaa fi mootummoota isaanii arrabsuun isaanii ni yaadatama.

Tiraamp miseensota NATO biyyi isaanii hooggantu “gowwaa” jechuun waamuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Muummee Biriteen Keir Starmer ”dogongora guddaa” jechuun daawwannaa Chaayinaaf karoorfame haqaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *