Intalti Pireezidaantii Kaameruun “Abbaa kiyya hin filatinaa!” jette.

OFM:Fulbaana.21/2025-Hanga waggaa 100tti yoo hin bulchine du’ee argama kan jedhan Pirezidaantiin Kaameeruun Pool Biyaa intala isaanii irraa mormiin cimaan isaan muudateera.

Maanguddoo waggaa 92 ​​Pireezidaantii Kaameeruun Bireendaa Biyaa intallisaanii filannoo pirezidaantummaa Onkoloolessa dhufu gaggeeffamu irratti lammiileen Kaameeruun abbaa isii akka hin filanne ifatti yaamicha gooteetti.

Intalli pireezidaantichaa tamsaasa kallattiin TikTok irratti “Abbaa kiyya hin filatinaa” jechuun falmii isiin kaaste Ijoo dubbii ta’e.

Bireendaa Biyaa bulchiinsi abbaa isiitiin waggaa 43f ture Kaameeruun keessatti hiyyummaa, hoji dhabdummaa fi hookkara akka uumame dubbatteetti.

Gochi Bireendaa kun seenaa Afrikaa keessatti intala pireezidaantii tokkoo kan jalqabaa ta’uun bulchiinsa abbaa isii ifatti mormitee akka inni pireezidaantii ta’uuf hin dorgomne waamicha goote!

Pireezidaantiin Kaameeruun waggaa 92 ​​Pool Biyaa filannoo ji’a dhufu gaggeeffamu irratti marsaa 8ffaaf dorgomaa jiru jechuun DW’Afrikaatu gabaase.

Pireezidaantichi umurii fi fayyaan isaanii biyyattii geggeessuuf ga’umsa akka hin qabne ni taasisa jechuun mormiin cimaan isaan muudateera, garuu hanga waggaa 100tti yoo hin hoogganne du’a kiyya jedheera manguddichi.

Pool Biyaan yeroo hin murtoofneef pireezidaantii ta’uuf dorgomaa akka jiru himamaa jira, seera hogganaan tokko biyya isaa keessatti turtii yeroo hangam tajaajiluu danda’u daangessu haqee jira!

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *