Qondaalli ol’aanaa basaasaa Raashiyaa Moskootti rasaasaan rukutamee, hospitaala seene!
OFM:Gurraandhala.06/2026.Magaalaa guddoo Raashiyaa Moskootti qondaalli waraanaa sadarkaa ol’aanaa qabu Letenaal Jeneraal Vladimir Alekseev rasaasaan rukutame.
Itti aanaan itti gaafatamaa dhaabbata basaasa waraanaa ol’aanaa biyyattii (GRU) Letenaant Jeneraal Vladimir Alekseev rasaasaan rukutamee haala yaaddessaa keessa akka jiran Koreen Qorannoo Raashiyaa beeysiseera.
Haleellaan kun kan raawwatame gamoo mana jireennaa Moskoo daandii Volokolamskoye Boulevard irratti argamu keessatti.
Namni eennummaan isaa hin beekamne tokko osoo bakka sanaa hin baqatin dura jeneraalicha irratti dhukaasa hedduu dhukaase.
Jeneraal Alekseev yeroo ammaa hospitaala magaalattii keessatti yaala cimaa keessa kan jiran yoo ta’u, miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa haalli isaanii ”yaachisaa” ta’uu gabaasaniiru.
Jeneraal Alekseev waraana Raashiyaa keessatti nama ijoo akka tahaniidha gabaasaaleen kan akeekan.
Itti aanaa itti aanaa hogganaa GRU (Main Intelligence Directorate) kan hojii basaasaa fi nageennaa Raashiyaa biyya alaa keessatti iccitii ol’aanaa qabu to’atu isa jalqabaati.
Qondaala waraanaa ol’aanaa yoo ta’u, waraana Yukireen fi hojii nageenna alaa Raashiyaa keessatti gahee ol’aanaa nama taphate jedhameera.
Qondaaltonni koree qorannoo Raashiyaa taatee kana qorataa kan jiran yoo ta’u, mata duree “yaaliin ajjeechaa qondaala ol’aanaa Ministeera Ittisaa” jedhuun galmee yakkaa banuun nama haleellaa raawwate adamsaa jiru.
Taatee jiddugala magaalaa guddoo Raashiyaa keessatti raawwatame kun falmii cimaa kaasee jira.
Rasaasaan qondaaltota ol’aanoo basaasaa akkasii jiddugala Moskootti raawwatame yaaddoo nageennaas uumuudha kan gabaafame.
Haleellaan kun jeequmsa keessoo waraanaan uumameen moo dhaabbilee basaasa biyya alaa waliin walqabate kan jedhu gaaffii kaaseera.
