Ameerikaan lammileen isii Iraan keessaa akka bahan ajajje.
OFM:Gurraandhala.06/2026.Aanga’oota ol aanoo mootummaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti mariin jalqabaa Omaan keessatti taasifamu jalqabuuf sa’aatiiwwan muraasni yeroo hafetti, Ameerikaan lammileen isii Iraan gadhiisanii akka bahan akeekkachiifte.
Akeekkachiifni kun kan bahe karaa mootummaan Ameerikaa marsariitii “Ze Yunaayitid Verchuwaal Imbaasii jedhamuu fi waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa lammilee Iraaniif odeeffannoo garagaraa ittiin dhiyeessuuni.
Ameerikaan lammileen isii guutummaa Iraan keessaa gadhiisanii akka bahan akka sababaatti kan dhiyeessite Iraan keessatti tarkaanffii eegumsa nageennaa, daandiiwwan cufachuu, geejjibni ummataa addaan cituu, akkasumas tajaajilli inteneetii addaan cituudha.
Akeekkachiifni kun itti dabaluun, Ameerikaanonni dhalattoota Iraan ta’an yeroo biyyattii gadhiisanii bahanitti, Iraan lammummaa dachaa seera-qabeessa gootee wan hin fudhanneef paaspoortiisaanii kan Iraan akka fayyadamaniif hubachiiseera.
